Surah Al-Fatihah in Oromo

    الفاتحة

    Surah Al-Fatihah in Oromo

    Read Surah Al-Fatihah in Oromo (الفاتحة) with Arabic text, Oromo translation, and audio recitation. Chapter 1 of the Holy Quran, 7 verses — free online.

    Quran in Oromo · all 114 Surahs

    1

    بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

    Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Taheetiin.[1]

    [1] suuraan faatihaa tuni irra caaltuu suuraalee qur'aanaati. Nabiyyiin S.A.W. Abii sa'iidiin akkana jedhe "irra caaltuu suuraalee qur'aanaa sibeeysisa, isiin -Alhamdu lillaahi Rabbil aalamiin- jedheen. isiin torban deddeebituu taate, qur'aana guddaa ani isa kennames" jedheen. {bukhaariitu odeesse}.

    2

    ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ

    Faaruun hundi tan Rabbii Gooftaa aalamaati.

    3

    ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

    Akkaan mararfataa akkaan rahmata godhaa.

    4

    مَٰلِكِ يَوۡمِ ٱلدِّينِ

    Abbaa (mootii) guyyaa murtii.

    5

    إِيَّاكَ نَعۡبُدُ وَإِيَّاكَ نَسۡتَعِينُ

    Si qofa gabbarra; Si qofatti gargaarsifannas.

    6

    ٱهۡدِنَا ٱلصِّرَٰطَ ٱلۡمُسۡتَقِيمَ

    Daandii sirraawaatti nu qajeelchi.

    7

    صِرَٰطَ ٱلَّذِينَ أَنۡعَمۡتَ عَلَيۡهِمۡ غَيۡرِ ٱلۡمَغۡضُوبِ عَلَيۡهِمۡ وَلَا ٱلضَّآلِّينَ

    Karaa warra isaan irratti tola ooltee; kan warra irratti dallanamee kanhintahin, kan jallattootaa (kan hintahin) (nu qajeelchi) [1] [2]

    [2] suuraan faatihaa tuni irra caaltuu suuraalee qur'aanaati. Nabiyyiin S.A.W. Abii sa'iidiin akkana jedhe "irra caaltuu suuraalee qur'aanaa sibeeysisa, isiin -Alhamdu lillaahi Rabbil aalamiin- jedheen. isiin torban deddeebituu taate, qur'aana guddaa ani isa kennames" jedheen. {bukhaariitu odeesse}. [1] Aamiin jechuun salaata keessatti barbaachisaadha. bakka tanatti yogguu faatihaa fixan. namni duubaan salaatulleen sagalee olfuudhee bakka takaa jedha. garuu jechi Aamiin jedhu kuni faatiharraayii miti, inumaa qur'aanarraayii miti.

    Al-Fatihah

    Play